Koronaan maalii? Of eeguufis maal gochuun qaba?

Koronaa vaayireesiin yookiin koronaan jarmii (baayyee xiqqoo agartuu duwwaan hin mul’atne) taatee, tatamsa’uun dhibee namarraan geessistuu dha. Vaayireesiin koronaan malattoollee qufaa fakkaatan kanneen akka qufaa gogaa, hanqina harganfachuu yookiin afuura baaffachuu dadhabuu, ho’insa qaamaa, fi dhukkubbii qaamaa geesiisa. Koronaan yeroo hedduu sirna qaama hargansuu miidha. Dhukuboon dadarboon hedduun miidha hamaa hin geesiisne illee gara dhukkuba daranyoo sombaatti jijjiiruun du’aatii geesiisa.

Eenyumtuu koronaatiin qabamu ni danda’a. Namoonni duloomanii fi dhukkuba biro qaban, fakkeenyaaf dhukuba qama hargansuu, cawwee/kansseerii ykn dhukkuba sukaraa warri qaban kanneen hin qabnerraa miidhamuu fi balaa hamaaf saxilamuu ni danda’u.

Namni dhibee koronaatiin qabame yeroo harngafatu yookiin afuura baafatu, qufa’u, yookiin immoo haxxifatu dhangala’oon isa keessa bahu namarra, qaama wayyiirra, yookiin nyaata irra yoo bu’e ni tatamsa’a. Vaayireesiin kun qaama nama karaa afaanii, funyaanii, fi ijaan seena. Eraga qama seenee booda wal-horuun qaama keessa tatamsa’a. Mallattoollee dhukkubbi utuu hin agarsiisin koronaan qama nama keessa hanga bulti 14tti jiraachuu ni danda’a. Kanafuu, namoonni vaayireesii koronaan faalaman, koronaa qabaachuusanii utuu hin beekiin kanneen birootti dadabarsuu ni danda’u.

Koronaan qoorchoota farra lubbuu qabeeyyiin (aantibaayootikiin) yookiinmoo qoorichoota aadaatiin hin du’u. Koronaa of irraa ittisuu kan danda’amuu walitti dhufeenya vaayireesichaa waliin qabachuu dhiisuu fi yeroo mara qulqullina harkaa eeggachuun.

Faalama vaayireesiirraa of eeguuf, harka kee samuunaa fi bishaaniin dhiqadhu. Utuu harki kee hin xura’in illee haala wal-fakkaatuun dhiqadhu. Harka kee guutumma guutuutti sammunaafi bishaan ya’uun sirritti sukkumuun sakoondii 20f dhiqachuu kee mirkaneefadhu. Harkakee sammunaa fi bishaaniin dhiqachuunkee vaayireesoota harkakeerra jiraachuu danda’an ajjeesa. Yeroo hunda utuu nyaata hin qopheessiin, wayitii qopheessiituu fi erga qopheessiitee booda, erga mana booliitti gargaaramtee, utuu hin nyaatiin, nama dhukkubsate yammuu wal-aantu, erga bineeldota qabdee booda, yookiin waan bineeldotni qulqulla’an erga qabdee fi erga qufaate, haxxifattee yookiin immoo furrii bafaattee booda harkaa kee sirriitti dhiqachuu qabda.

Utuu harkakee hin dhiqatiin ija, funyaanii fi afaan kee gonkuma hin tuqiin. Harki waan hedduu tuquun vaayireesoota fudhuu ni danda’a. Harki erga faalamee booda, vaayireesicha gara ija, funyaanii yookiinmoo afaankeetti dabarsuu ni danda’a. Sanaan booda vaayireesichi qaama kee seenuun si dhukkubsachiisuu ni danda’a.

Nama qaama ho’insa fi qufaa yookiin immoo rakkina mallattoollee hargansuu qabuu irraa faggachuun baayyee barbaachisaa dha. Yeroo qufaatu yookiin immoo haxxifattu, yeroo hunda afaanii fi funyaan kee ciqileekee dachaasuun haguuguu yookiin immoo huccuutti gargaaram. Huccuu itti gargaramte hatattaman maqsi; garuu, bakka hawaasni gargaramutti hin gatiin.

Nama qufa’u yookiinmoo haxxifatu irraa yoo xiqqaate meetira tokko faggaadhu; walittidhufeenya nama qama ho’insaa fi qufa qaburra of eegi.

Yoo nama qaamni isaa ho’u, qufa’u fi rakkina hargansu qabu gargaaruu barbaadde, maaskii sirraa dhowu yookiinmoo maaskii huccuurraa hojjetemetti gargaaramuu fi keessumayyuu qulqullina harkaakee eegachuu shaakali.

Dhibee koronaa ofirraa ittisuuf, fageenya qaamaa kanneen biroo wajjiin qabdu eeguun filatamaa dha. Dhibeen koronaa fi vaayireesonni biroo erga haraka walfuteen booda ija, funyaan, fi afaan kee tuquun daddarba. Kanafuu, yeroo namoota biro argitu, harka fuudhuun nagaa hin gaafatiin, hin hammatiin, yookiinis hin dhugatiin. Harka raasuu, mataa raasuu, yookiinmoo gad-jechuu qofaan namoota dubbisi. Yoo koronaan naannoo kee jira jettee yaadda ta’e, walittii dhufeenya namoota waliin qabdu hambisuuf manaa hin bahiin.

Yeroo qaamanni kee sitti hin mijoofne, manaa hi bahiin; mallattolleen xixxiqqoon kan akka mataa bowwuu fi funyaan kee keessaa dhangala’oo kan cobu yoo ta’e illee hanga fayyitutti manuma turi. Yoo haxxifattu, qufaa googaa qufaatu, rakkina harganfachuu, fi qaamni kee ho’a ta’e, faalama sirna hragansuu yookiin immoo dhibee cimaa biro tahu waan danda’uuf yerootiin gargaarsa mana yaala gaafadhu.

Amantiiwwaan sobarratti hunda’anii fi odduuwwan qabatamoo hin taane hammeenya guddaa fi du’atii namoota fiduu danda’u. Fakkeenyaaf, dhugaatiiwwan alkoolii adda addaa kan akka haraqeefaa koronaa sirraa dhowwuu utuu hin taane si miidhu. Akkasumaas oddeeffannoon atti hirriyyootankee yookiin immoo fira aanteerraa argattu sirrii tahu dhiisuu ni danda’u yookiinmoo bala hamaa tahu ni danda’a. Yeroo mara gorsa fayyaa hawaasummaa sirrii ta’e gama oggeeyyii fayyaan kennamu qofa hordofi.

Ergaa yookiin dhaamsa kana daddabarsuun, gragaarsa koronaa faciissuu gochuu ni dandeessa. Adaraa ergaa kana hirriyootankee fi maatiikeef daddabarsi; ergaa kana daddabarsuuf tajaajila mobiyilaa Wasappi qabutti gargaaramuun filatamaa dha.

Dhaamsi qabiyyee kun kan dhiyaate gama pirojeektii addunyaa Awudopeediyaa jedhamuutiin yammuu tahu, kaayyoon isaas fayyaan akka dhageetii argatuuf yaadamee ti. Odeeffannoo dabalataaf marsaariitii www.audiopedia.org irratti argatta.